Bulchiinsa Magaalaa Adaamaatti suphaan aspaaltii keessa keessaa km 13 qarshii miliyoona 158 ta’uun eegaleera.Hoji Gaggeessaan Mana Qopheessaa Magaalaa Adaamaa Obbo Zarfuu Asfaaw bulchiinsi magaalichaa bu’uraalee misoomaa rakkoo siyaasa-dinagdee hawaasichaa furan jedhamee karoorfame sadarkaa sadarkaadhaan hojjechaa jiraachuu ibsanii hawaasni magaalichaa naannoo piroojektoonni mootummaa hojjetamanitti deeggarsa barbaachisu akka taasisu gaafataniiru. Suphaan Aspaaltii jalqabame kontiraaktara #Roobiiboon jedhamuun hojjetamaa kan jiruu fi ji’a sadi keessatti waliin kan gahamu ta’uus ibsameera.
Suphaa Aspaaltii…
- Post published:April 9, 2022