Bulchiinsa Magaalaa Adaamaatti suphaan aspaaltii keessa keessaa km 13 qarshii miliyoona 158 ta’uun eegaleera.Hoji Gaggeessaan Mana Qopheessaa Magaalaa Adaamaa Obbo Zarfuu Asfaaw bulchiinsi magaalichaa bu’uraalee misoomaa rakkoo siyaasa-dinagdee hawaasichaa furan jedhamee karoorfame sadarkaa sadarkaadhaan hojjechaa jiraachuu ibsanii hawaasni magaalichaa naannoo piroojektoonni mootummaa hojjetamanitti deeggarsa barbaachisu akka taasisu gaafataniiru. Suphaan Aspaaltii jalqabame kontiraaktara Roobiiboon jedhamuun hojjetamaa kan jiruu fi ji’a sadi keessatti waliin kan gahamu ta’uus ibsameera.
Suphaa Aspaaltii
- Post published:April 12, 2022