Smart City fi Digitalization

Hoggansa Magaalaa Adaamaatiif leenjii ijaarsa dandeettii yaadama “Smart City” fi “Digitalization” irratti ogeeyyii teeknooloojiitiin kennameera. Leenjichi muuxannoo biyyoota gara garaa waan qabuuf piroojektii “Smart Adama” jalqabame milkeessuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhaniiru.Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Obbo Hayiluu Jaldee leenjii kennameen dandeettii raawwachiisummaa guddisuuf, biyya boodatti hafummaa fi rakkooleen nageenyaa fi rakkoo bulchiinsa gaarii dhiibee dhufe hambisuuf piroojektii Smart Adama fi Dijitaalaayizeeshinii bara kanas xiyyeeffannaan hojjetamuu akka qabu dhaamaniiru. Mootummaan cimaa hawaasa isaa beeku waan jijjiirama hawaasaaf malu ijaaruu keessatti aarsaa nurraa barbaachisu kamuu kaffaluun biyyoota qaroiman waliin dorgomuuf of qopheessuun dirqama jedhaniiru.Dhumarrattis akka magaalaa keenyaatti seektaroonni sadarkaan jiran dijitaalaayiz gochuun (E-governance, E-service, E-commerce, smart mobility, smart delivery, fi smart compitence… etc) hojiirra oolchuuf hubannoo fi muuxannoon kenname bu’a qabeessa waan ta’eef qophaa’uu qabnas jedhaniiru.Hoji Gaggeessaan Dhaabbata “Empire Anku Trading plc” Yooseef Ankuu smart city’n hawaasa keenyaaf jiruuf jireenya salphaa fi smart gochuuf waan ta’eef hawaasni yaadama smart ta’e, mootummaanis hojimaata dijitaalaayiz qabaachuu qaba jedhaniiru.

Leave a Reply