Sagantaa jalqabii pirojeektii Diizaayinii smart Adaamaa ifatti eggale

08/03/2014 FM Sagalee Adaamaa 100.7

Magaalaa Adaamaa ammayyeessuufi giddu gala tekinoloojii taasisuuf pirojektiin smart Adaamaa shoora ol aanaa qaba jedhan kantiibaan Bulchiinsa magaalaa Adaamaa obbo Hayiluu Jaldee.Bulchiinsi Magaalaa Adaamaa hojii Diizaayinii piroojaktii Smart Adaamaa ifatii jalqabsisee.***************************************Sagantaa jalqabii pirojeektii Diizaayinii smart Adaamaa ifatti eggale kana irratti keesummoonni sadarkaa Yunivarsitti adda addaa ,qooda fudhatoonni fi Oggansiifi jiraattotni Magaalichaa jiran irratti argamanii jiru.Haasawa Baga nagaan dhuftanii kan taasisan hojii gaggeessaan Mana qopheessaa Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa obbo Zarfuu Asffaaw akka dubbatanitti pirojeektii seena qabeessa Magaalaa keenya guddisuuf bifa ammayyaa fi sadarkaa isaa eeggate Diizaayinii smart Adaamaa ijaarsii isaa gaafa xumurame shoora olaanaa qaba jedhan.Oggeesoota Muuxannoo guddaa qaban biyya keessatiin Diizaayinii hojjatamee xumuramuun guyyaa har’aa ifatti hojii eegale kana arguuf Baga gammaddan jedhan.Jireenya hawaasa keenyaaf Magaalaa mijooftuu fi sadarkaa Afrikaatti beekamtuu akka taatuuf hojiin baldhaa hojjatamaa jiraachuu ibsuun pirojektichi rakkoo kanaan dura Magaalicha keessa ture jijjiruun shoora olaanaa gumaacha jedhan.Piroojeekticha abbummaa Bulchiinsii Magaalichaa kan hojjachisuu fi Dhaabbanii Injineeringii Oromiyaa sadarkaa gorsaatiin deegarame marsaa jalqabaattin Naannoo Adabaabaayii Abbaa Gadaa jirutti Diizaayinii sadarkaa isaa eggate kun Bara kana baldhina lafa heektaara 175 irratti kan eggalamu ta’uu ibsame jira.Yunivarsitii Finfinneetti gorsaan dizaayinii fi Diinii Paapliik Sarvisii Itoophiyaa fi Misooma magaaloota Dr.Daani’eel yurisoogidoo barreeffama iciitii guddina Magaaloota Addunyaa fi biyya keenya keessa jiru kan dhiyeesan yoo ta’uu guddina Magaalaa biyya tokkof tokkummaan fi xiqiin hojjachuun nurraa eggama Adaamaas guddisuu yoo barbaanne Muuxannoo biyyoota guddatanii kanneen akka Dubaayi fi kigaalii akka fakkeenyaatti fudhachuun dhiyeessani jiru.Qooda fudhatoonni Sagantaa kana irratti hirmaatan tokko tokkos milkaa’ina Pirojeektii guddaa sadarkaa isaa eeggate kanaatiif qooda isaanii kan bahan ta’uu ibsani jiru.Guddina Magaalaa Adaamaa sadarkaa biyyaattif akka beekamtuu fi dhaloota dhufuuf waan gaarii kan dabarsuu ta’uus ibsani jiru.Marii qooda fudhatootaa fi oggansa Magaalichaa waliin taasifame irratti Parazidaantiin Univarsitti Saayinsii fi Teeknolojii Adaamaa Dr.Lammii Guutaa akka jedhanitti pirojeektii Diizaayinii kana milkeesuuf hirmaannaa ummataa murteessaa waan ta’eef Magaalaa Adaamaa Magaaloota biroottif Muuxannoo ta’uu dandeessu fi smart taate uumuu qabna jedhan.Nuttis akka Yunivarsitti Saayinsii fi Teeknolojii Adaamaatti deeggarssa barbaachisu ni taasifna jedhan.Kallatti hojii fuula duraa kan Kennan kantibaa Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa obbo Haayiluu Jaldee akka jedhanitti seenaa Magaalittiin qabdu hubachuun karoora baafanneen Adaamaa Smart city jedhuun labsuu dandeenyee jirra jedhan.Kana malees sirna Bulchiinsa lafaa ammayyeessun sirna kenninsa Tajaajjila Mootummaa jalqabaa foyyeesuun murteessaa ta’uu amanamee hojjitti seenuun akka danda’amees ibsani jiru.Pirojeektiin smart Adaamaa Bara kana Diizaayinii haarawa xumuramee hojjitti galuuf qophii ta’uusaani ibsuun magaalaa Adaamaa jiraatootasheef mijooftuu taatee qabaachuuf hirmaannaa hawaasa keenya irraa eegamu murteessaa ta’uu fi ummanni keenya dursee beekuun akka ifoomu godhamusaa obbo Haayiluun hubachiisani jiru.Dhummarratis waliigaltee sanada hojii raawwii dizaayiniichaa Gorsaan Piroojeektichaa ta’uun hojii gaggeessaa olaanaa Dhaabbata Injineeringii Oromiyaa Obbo Darajee liban Fi Hojii raawwachisaan Mana qopheessaa obbo Zarfuu Asffaaw gidduutti mallataa’eera jechuun Taayyee Abarraa gabaaseera

Leave a Reply