Qamadii sassaabame

Qonnaan bultoonni Magaalaa Adaamaa jallisiidhaan qamadii facaasan bu’aa isaa haammachaa jiru. Kallattii mootummaan kaa’ee fi deeggarsa bulchiinsi magaalichaa taasiseen omisha hin yaadamne argachuuttis kan gammadan ta’uu dubbataniiru. Hoggansi magaalaa Adaamaa ooyruu qonnaan bultootaatti argamuun wayta omisha sassaaban daawwataniiru.I/A Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Obbo Mohaammad Guyyee Lafa gabbataa waan itti darban hunda biqilchuu fi jalli isaa albuudaan badhaadhe qabaannee dhibaa’ummaa keenyaan harka ormaa eeguu hin qabnu jechuun qonnaan bultootaa fi ogeeyyii deeggarsaa milkaa’ina kanaaf gumaachan galateeffataniiru.

Leave a Reply