Qaala’iinsa Gabaa

Bulchiinsi Magaalaa Adaamaa daldaltoota seeraan ala meeshaalee kuusanii fi gatii meeshaalee dabalan irratti tarkaanfii fudhachaa jira.Haaluma kanaan manneen kuusaa 16 zayita nyaataa kuusan saamsamaniiru. Daldaltoonni #jilmaa 15 gatii madaalawaa kaa’ameen akka ummataaf raabsan taasifamaa jira.I/G Waajjira Daldalaa Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Obbo Xilloo Dugdaa daballii gatii meeshaalee sababa malee sababeeffachuun taaski foorsiin akka magaalaatti dhaabate hojiitti galuun tarkaanfilee abdachiisaa fudhachaa jiraachuu ibsanii hanga ammaatti zayitiin liitira kuma 855 ol manneen seeraan ala manneen kuusaa keessatti kuufamee ture to’atamee ummataaf gatii madaalawaadhaan akka raabsamu taasifamaa jira jedhaniiru. Manneen kuusaa saamsaman irratti tarkaanfii fudhatamuu qaburratti koreen rasgabbii gabaa murtoo dabarsurratti hundaa’uun furmaanni kan laatamu ta’uus eeraniiru.Yeroo ammaa kana zayitiin abbaa liitira 3 qarshii 350’n, akkasumas, abbaan liitira 5 qarshii 650 gurguramaa jira!

This Post Has One Comment

  1. Sisaay Waaqoo

    fggtt

Leave a Reply