Marii Dargaggootaa

Qaamni obbolummaa hin liqimfamneef dudhaa Oromoo irraa barachuu qaba’’ Obbo Hayiluu JaldeeDargaggoonni Magaalaa Adaamaa haala yeroo irratti mata duree ‘’Hirmaannaa kallatti lammileetiin badhaadhina hunda-galeessaaf’’ jedhun marii’atan.Waajjiraalee mootummaa keessatti hogganna fi hojjetoota guufu ta’uun hawaasa dararaa jiran walumaa galatti namoota irratti tarkaanfiin fudhatamu isa,ijaarsa seraan ala 142, dallaa seraan ala 148, lafa seraan ala qabame gara baankii lafaatti akka deebi’u taasifamu isa barreffama ka’umsa mariif dhiyaate irratti ibsame jira. Dabalataanis namoota 21 to’atamu isaa fi namoota 18 ammoo gara seraatti dhiyyessuu danda’amu isa barrefama ka’umsa mariif ta’u dhiyaaterratti ibsame jira.Kantiiba Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Obbo Hayiluu Jaldee rakkoo biyyaa keenyaarratti aggaamamee ittisuuf dirqama waloo qabna jedhan, finxaalessummaa qormaata ija baase dhufee iddootti deebisuu qabna, kana gochuuf ammoo dargaggessi tokkummaa fi ijaarama isa cimsee irratti qabsaa’u qaba jedhan.Itti dabaluunis qaamni obbolummaa hin liqimfamneef dudhaa oromoo irraa barachuu qabas jedhan Obbo Hayiluun.jijjirama kamu hirmaana lammileetin kan milkaa’u waan ta’eef dargaggeessis qooda isa irraa eeggamu bahuun jijjirama fiduu fi jijjiramichaaa utuubu akka qabu dubatani jiru.Paartiin Badhaadhina sirna dinagdee haqa qabeessa ta’ee diriirsuuf hojjechaa jiraa, dargaggeesis hojiwwan misooma Magaalatti keessa hojjetamaa jirurratti hirmaachuun dinagdee isa cimsachuu qaba kana gochuuf ammoo qophaa’ummaan dargaggoota murtessa dha jedhan.Dargaggeessi itti fayyadama midiyaa irratti karaa madaalawwaa ta’een fayyadamu akka qabu fi oloolaa sobaatin raafamu akka hin qabne ergaa dabarsani jiru.Dargaggooni waltajjichaarratti hirmaatan yaada kenannin Magaalaa Adaamaa midhagdu fi jiruuf jireenyaaf mijooftuu taasisuuf hojin misooma hojjatame jajjabessa ta’u ibsuun jijjirama dhufee kan danqaa ta’aa jiru hoggansa dha jedhan.Bulchiinsii Magaalaa Adaamaas gaafii dargaggoota carraa hojii uumuu fi gaafii mana jireenyaa akasumas qaala’iinsa jireenyaa mira yeroo hin qabneen deebii akka argatuu gaafatani jiru.Hojii Nageenyaa fi misoomaa walqabatee Mootummaa faana hiriruun gahee keenyaa ni baana, Mootummaanis finxaaleyyii biyya diiguuf hojjetaa jiran irratti tarkaanfii fudhachuu qabajedhan.

Leave a Reply