Mana Maree Bul/M/Adaamaa

Manni Maree Magaalaa Adaamaa yaa’ii idilee 34ffaa bara hojii 2ffaa waggaa 9ffaa gaafa guyyaa 25/05/2014 taa’een gabaasa raawwii hojii ji’a jahaa Mana Murtii Aanaa Magaalaa Adaamaa gamaggamuun mirkaneesseera.Pirezidaantiin Mana Murtii Aanaa Magaalaa Adaamaa Obbo Urgaa Sabsibee ergama tajaajila abbaa seerummaa qulqulluu, dhaqqabamaa, si’ataa fi bu’a qabeessa ta’e seera qofarratti hundaa’un loogii fi gartummaa malee tajaajila kennuuf kaa’ame milkeessuuf hojjetamaa jiraachuu ibsanii kana milkeessuuf hirmaannaa fi deeggarsi qooda fudhattootaa murteessaa akka ta’e eeraniiru.

Leave a Reply