Leenjii Kenna Tajaajilaa Yunivarsitiin Naannoo Oromiyaa Hojjattootaa fi Hooggantoota Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Sadarkaan Jiraniif kenna tajaajilaarratti Leenjii Kenneera.I/G Waajjira Pablik Sarvisii fi Qabeenya humna Namaa Bulchìnsa Magaalaa Adaamaa Obboo Aadam Faqoo Leenjichi itti fayyadama yeroo fi bu’a qabeessummaa akkasumas tajaajiltummaadhaan simannaa abbaa dhimmaa mata duree jedhanirratti kan kennamu yoo ta’u dandeettii raawwachiisummaa hooggansaa fi raawwataa cimsuun bu’aa caalmaaf qopheessuudha jedhaniru. Akka bulchiinsa Magaalaa Adaamaatti marii hawaasa wajjin taasifamee hordofee koree tiraansfoormeeshinii tajaajilaa hundeessuun adda baasuutti seenamuu ibsanii rakkoolee bulchiinsa gaarii fi gama biraan walqabatan 190 adda baafaman keessaa 156 qaamolee dhimmi ilaallatuun akka furaman taasifamuu dubbataniiru. Rakkoolee uumaman keessaa sadarkaa garagaraatiin harka kan qaban hooggansaa fi hojjattoota 223 irratti tarkaanfiin garagaraa fudhatamuus himaniiru.I/A Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Obbo Mohaammad Guyyee rakkoolee kenna tajaajilaa mul’atan fi kan biroos karoora yeroo dheeraa fi yeroo gabaabaa baafachuun hiikuuf hojitti galamuu ibsanii karoora bahe hojiitti hiikuuf hooggansaa fi ogeessota biratti rakkoo tajaajiltummaa hiikudhaaf leenjiiwwan akkanaa shoora guddaa bahatu jedhaniiru. Kenna tajaajila mootummaa fooyyessuun Itti quufinsa Hawaasaa Mirkaneessuun Milkaa’ina Gama hundaa Yaadameef bu’uura waan ta’eef aamni hundi xiyyeeffannaa itti kennuu akka qabu dhaamaniiru.I/A Pirezdaantiin Dhimmoota hooggansaa Yunivarsitii Naannoo Oromiyaa obbo Abarraa Olaanaa, yunivarsitiinsaanii bifa haaraan erga gurmaa’ee damee muummichaa Baatuutti argamuun sadarkaa digrii jalqabaa fi lammaffaatiin barsiisuu, dameesaa Finfinneetiin qorannoof qo’annoo gaggeessuu fi damee Adaamaatiin leenjii siyaasa biyyaa fi idil adunyaarratti xiyyeeffachuun leenjii hooggansaa kennaa jira jedhaniiru.
Leenjii Kenna Tajaajilaa
- Post published:May 10, 2022