Dhaabbanni Pirees Itoophiyaa marii paanaalii ስለ ኢትዮጵያ (Waa’ee Itoophiyaa ) jedhuu mata duree cehumsa dinagdee tarsiimo’aa ( የኢኮናሚ መዋቅራዊ ሽግግር) jedhurratti qooda fudhattootaa fi hayyoota iddoo gara garaarraa dhufan hirmaachise gaggeessaniiru. Saganticharratti Egzibiishiniin suuraa Adeemsa jijjiirama biyya keenyaa agarsiisu banamee daawwatameera. Egzibiishinicha kan banan Ministeera Komishinii Karooraa fi Pilaanii Dr. Fitsum Asfaaw, Ministeera Maallaqaa fi Dinagdee Dr. Iyyoob Takkaallign, fi Abbaan qabeenyaa Obbo Balaayinah Kindee argamaniiru.Ministeerri Komishinii Karooraa fi Pilaanii Dr. Fitsum Asaffaa karoora cehumsa dinagdee waggoota 10 dhufanii gama qonnaa, industirii, tajaajilli, manufaakchariingii dinagdee biyya keenyaa guddisuu keessatti hirmaannaan mootummaa fi seektaroota dhuunfaa murteessaa ta’uu ibsanii Omisha biyya keenyaarratti xiyyeeffachuun omishtummaa guddisuu fi cehumsa teeknooloojii uumuu akka qabnu dhaamaniiru.Mootummaan karoora hirmaachisaa ta’ee fi yaadama qabatama biyya keenyaatiif mijatuDhaloonni amma jiru cichee hojjechuun biyya dhalootaaf ta’u uumuu qabna jechuun guddinni itti fufiinsa qabu jiraatus cehumsi dinagdee tarsiimo’aa ta’e lafa qabachuu hin dandeenye waan ta’eef guddina dinagdee qofa osoo hin taane misooma dinagdeetti cehuu akka qabnus dhaamaniiru.Ministeerri Maallaqaa fi dinagdee Dr. Iyyoob Takkaallign qonnarratti xiyyeeffachuun maanufaakchariingii, tajaajilaa fi konistiraakshinii cehumsa akka qabaachuun dirqama ta’uu ibsanii guddinni dinagdee keenya itti fufiinsa qabaatus misoomuu fi tarsiimo’aa ta’uu akka qabu dhaamanii seektara dhuunfaa hirmaachisuun yeroo darbu keessa waan dhalootatti darbu hojjechuun dirqama jedhaniiru.
Itoophiyaan injifachaa ceeti ኢትዮጵያ እያሸነፈች ትሻገራለች
- Post published:July 27, 2022