11/01/2014 Qophii kabaja ayyaanota Irreechaa, Masqalaa fi haala nageenyaarratti Abbootii Amantaa, Abbootii Gadaa, Haadholii Siinqee, fi manguddoota waliin marii gaggeesseera.Maricharrattis, “Biyyi teenya ijaaramtee fi kabajamtee nagaa taatee kan as geette eebba maanguddootaa, akkasumas kadhannaa fi barsiifata gaarii abbootii amantaatiin waan ta’eef gahee qabnu ni baana jedhaniiru.I/G Siyaasaa Paartii Badhaadhina B Magaalaa Adaamaa Obbo Mulaatuu Dhibbaa ummanni Itoophiyaa yeroo xaaliyaanii dabalatee weerara biyya keenyarratti labsame tokkummaadhaan qolachaa har’aan gahuu ibsanii har’as dhiibbaa shira alaa fi keessaa qindaa’ee biyya diiguuf gaggeeffamaa jiru tokko ta’ee qolachuun birmadummaa Itoophiyaa itti fufsiisuu akka qabu dhaamaniiru.


