Irreechi Faajjii Nageenyaati

Oromoon marga jiidhaa qabatee Birraa Malkaatti, Arfaasaa ammoo Tulluutti irreeffata. Irreechi kan darbeef uumaaf galata, kan dhufuuf ammoo kan itti uumaa kadhatanidha.Irreechi faajjii nageenyaa, mallattoo araaraa, hooqubaafi dhiifamaa bakka wal geettii Oromootaati.Birraan yeroo lagni guutefi hir’atee firri addaan fagaatee ture walargu, dukkanni Gannaa darbee ifni biiftuu dachee ibsu waktii abduun eegamudha. Irreechi bu’uura cimaa uumaafi uumama jidduu jiru madaala agarsiiftuu haqaati. Hariiroon uumaafi uumamaa Safuudhaan ibsama. Adeemsiifi gochoonni Irreeffannaa hundi safuu uumaaf uumamaa eeggataniitu raawwatu. Kanaafuu irreechi dhiibbaa jaarraa olii dandamatee har’a ga’e.Duudhaa gabbataa dhiibbaa meeqa dandamatee as ga’e kana dhaloonni har’aa kunuunsee, sona isaa caalmaatti dabalee karaa duudhaa isaa eeggateen kabajuuf dirqama seenaafi dhalootaa qaba. Bara kana ayyaana irreechaa bifa ho’aa ta’een kabajuuf qophiiwwan garaa garaa taasifamaa kan jiru yemmuu ta’u, akkaataa kabaja ayyaanichaa irrattis Gumiin Abbootii Gadaa Oromoo kallattii kaa’aniiru. Irreechi ayyaana nagaa, gammachuu fi tokkummaan itti calaqqisu, duudhaa ganamaatiin kan faayamu ayyaana ulfoo Oromooti. Kanaaf, garaa garummaa kamiinuu utuu hin daanga’in nageenyaafi miidhagina Irreechaaf hundi keenya qooda keenya ba’uutu nurraa eegama.

Leave a Reply