Iid Mubaarak

Iid Mubaarak Ayyaanni sooma hiikkaa hordoftoota Amantaa Islaamaa Iid Al Faxir 1443ffaan bifa nagaa fi tasgabbii qabuun hordoftoota amantichaatiin midhagee kabajamaa jira. Sirni salaataa iddoo Iidaatti gaggeeffamaa tures bifa hawwataa ta’een xumurameera.I/A Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Obbo Mohaammad Guyyee hordoftoota Amantaa Islaamaa hundaan baga geessan jechuun ayyaanichi kan jaalalaa gammachuu fi tokkummaa akka ta’u hawwaniiru. Ayyaanicha wayta kabajnu aadaa waliin jiraachuu ummanni Islaamaa qabu cimsuun guddina biyyaa keessattis gahee olaanaa qaban akka bahatan dhaamaniiru.

Leave a Reply