HAALA WALIIGALA MAGAALAA ADAAMAA

Magaalaan Adaamaa sarara misoomaa Daandii Baaburaa Dirree Dawaa Finfinnee bara 1902-1916 A.L.I. eegalamee ture irratti hundaa’un bara 1908 A.L.I.tti kan hunddeeffamtee fi teessoo mootummaa biyyooleessaa kan taate Finfinneerraa gara bahaatti K.M. 84 fagaattee kan argamtu magaalaa gudditti teessoo galma Caffee Oromiyaati.

Adaamaan magaalota biyyatti keessaa Finfinneetti aantee waa hundaan sadarkaa duraa irra kan jirtu yoo taatu,  haalli qilleensa ishees olka’iinsa golba galaanaa irraa meetira 1,600-1,700 irratti kan argamtu, rooba giddugaleessaa waggaatti ml 21.9 fi hoo’insa qilleensaa waggaa giddugaleessaan co 22 irratti argamti.

Adaamaan yeroo ammaa bal’ina lafaa heektara 31,185 irratti kan qubatte akkasumas namoonni 700,000 caalan keessa ni jiraatu jedhamtee kan tilmaamamtu hojiiwwan daldalaa,Indaastirii,konfirans-turiizimii fi jireenyaaf haalan mijattuu kan taate magaalaa filatamtuudha.

Gama bulchiinsaanis tajaajila saffisaa fi qulqullina qabu jiraataa magaalichaaf dhiheenyatti kennuu akka danda’an kutaalee magaalaa ja’aa fi bulchiinsa gandootaa 18n kan caaseffamte, lammiilee biyya keessaanis ta’ee biyyoota alaa biratti filatamtuu kan taate maqaa masoon“Angaatu Sulula Qiinxamaa” jedhamuun kan mogaafamteedha.

Adaamaan giddugala teessoo paarkii Industirii Guddicha Adaamaa, teessoo Yuunivarsiitii Saayinsiif Teeknooloojii Adaamaa, teessoo Miidiyaa Seena qabeessaa OBN, akkasumas teessoo Siidaa Wareegamtoota Oromoo fi Galma Abbaa Gadaa ta’uun beekkamti.

Magaalaan Adaamaa giddugala investmentiif mijooftuu ta’uu ishee irraa kan ka’e lafa heektaara 630 irratti kaapitaala qarshii Biliyoona 29.3 dhangalaasanii hojii keessa kan galan wiirtuu investarootaati.

Adaamaan gara bahaan magaalota biyya ollaa lamaa oliifii kan naannoolee sadii akkasumas magaalota teessoo godinaalee fi Aanaalee hedduu wajjiin walqunnamtii diinagdee, hawaasummaa fi diplomaasii cimaa kan qabdu, gara bahaan magaalaa teessoo mootummaa biyyoolessaa Finfinnee waliin walquunnamtii walfakkaataa cimaa kan qabdu giddugala Daldalaa, Indastirii fi Konfirans-turiizimiiti.

Leave a Reply