Guyyaan Daa’imman Afrikaa dhaadannoo “daa’imummaan koo tajaajila lammummaarraa nan daangessu” jedhuun sirnoota gara garaatiin magaalaa Adaamaatti kabajameera.I/G Dhimma Dubartootaaf Daa’immanii Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Aadde Ra’iisaa Juneeydii Ayyaanni daa’imman Afrikaa akka biyyaatti yeroo 32ffaaf akka Naannoo Oromiyaatti immoo yeroo 31ffaaf kabajamaa jira jechuun miidhaa daa’imman irra gahu hambisuu fi daa’imman maatii malee guddachuu akka hin qabne gochuun tajaajila lammummaa akka shaakalanis maatiis ta’ee hawaasni gaheesaa akka bahu dhaamaniiru.Daa’imman manneen barnootaarraa dhufan kalaqa gara garaa agarsiisaniiru. Badhaasnis kennameefii jira.
Guyyaa Kabaja Ayyaana Daa’imman Afrikaa
- Post published:June 24, 2022