Hoggansi Magaalaa Adaamaa raawwii hojii Mootummaa fi Paartii kan ji'a sagalii gamaggamuun kallattii kaa'eera. I/A Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Obbo Mohaammad Guyyee Caasaa cimaa ijaaruu, raawwii gurguddoo galmeessuu, ummata hirmaachisuu, nageenya lafa qabsiisuu, piroojektoota bajata mootummaa 44 fi hirmaannaa ummataatiin 11 hojjechuu, carraa hojii namoota 10,000'f uumuu, galii bil.2.4 ol sassaabuu, sirna bulchiinsa lafaa ammayyeessuu, magariisummaa magaalaa guddisuu, tajaajila dirqama lammummaa cimsuu, fi piroojektii SMART ADAMA akka ciminaatti ibsuun walfakkaachuu dhabuu hoggansaa, rakkoolee uumaman waliin raafamuu, hojii itti quufinsa maamilaatiin madaaluu dhabuu, kenna tajaajilaa hannarraa bilisa gochuu dhabuu, alseerummaa lafaa fi daldalaan walqabatu irratti jijjiirama fayyadamummaa ummataa mirkaneessu fiduuf xiiqidhaan sadarkaa olaanaan xumuruu akka qabu dhaamaniiru.I/G Paartii Badhaadhina Magaalaa Adaamaa Obbo Alamaayyoo Tulluu hoggansa Ijaarama siyaasaa injifannootti amanu fi jiruuf jireenya hawaasa keenyaa furuu danda'u qabaachuun murteessaa ta'uu ibsanii sadarkaa hundatti moitummaa cimaa ijaaruun rakkoolee hawaasa keenyaa #siyaasaan furama jedhanii xiiqiin hojjechuu dhabuun harcaatii hojiilee mootummaas ta'ee kan paartiirratti uuma waan ta'eef ijaarama keenya cimsuun hojiilee siyaasaa cimsuu, diina saaxiluu, hanna saaxiluu, nageenya magaalaa mirkaneessuu fi qophii hojii gannaa xiyyeeffannaan itti kennamuu akka qabu kallattii kaa'aniiru.Karoorri hojii ji'oottan sadan hafanii fooyya'ee dhiyaaterratti walii galameera.