Baga Geessan…!Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Obbo Hayiluu Jaldee ummata magaalaa fi biyya keenyaa hundaan baga bacaqii gannaa baanee booqaa birraa geenye jedhaniiru.Barri haaraan kan waadaawwan tajaajiltummaa, tola ooltummaa, omishtummaa, nageenyaa, fi tokkummaadhaaf galle ummata hirmaachisuun kan itti milkeessinu akka ta’u hawwaniiru.Bulchiinsi Magaalaa Adaamaa hojiilee bara darbe sadarkaa naannootti “presidential award” ittiin argate dachaan itti milkeessinu waan ta’eef ummanni magaalaa keenyaa mootummaadhaan walitti siquun hirmaannaa hunda galeessa gama nageenyaa fi misooma magaalaa fi biyya keenyaa keessatti gahee qabnu akka baanu waamicha dabarsaniiru.Barri bara nagaa fi milkii nuuf haa ta’u!!
Maddi——“Fuula Facbookii Waajjira Kominikeeshinii Bul/M/Adaamaa”
