Bulchiinsi Magaalaa Adaamaa Piroojektoota 131 bajata mootummaa fi hirmaannaa ummataa qarshii Bil.2.3 oliin hojjetaman bakka Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa fi keessummoonni federaalaa fi naannoorraa, akkasumas, hawaasni magaalichaa argamanitti eebbifamanii tajaajilaaf banaa ta’aniiru.Manneen barnootaa, daandiiwwan, manneen harka qalleeyyii, piroojektii “Smart Adama”, galmoota walgahii, fi kkf muraasa.Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Obbo Hayiluu Jaldee seenaa dubbachuu qofa osoo hin taane seenaa hojjechuu eegaluu ibsanii bulchiinsi magaalaa ummataa fi mootummaa walitti fiduun hojiilee misoomaa, kenna tajaajilaa fooyyessuu, fayyadamummaa ummataa mirkaneessuun piroojektoota fedhii fi gaaffii hawaasa keenyaa deebisan qulqullinaa fi saffisaan milkeessineera jedhaniiru. Akka magaalaatti waliigala pirojektoota 133 qarshii biliyoina mil.2.3 oliin hojjechiisuun tajaajila hawaasaaf banaa kan taasisan ta’uus dubbataniiru. Sad. I/A Pirezidaantiitti Hogganaan Kilaastara Magaalotaa Oromiyaa Obbo Addisuu Araggaa bara kana akka naannoo Oromiyaatti pirojektoota kuma 20 ol xumuruu ibsanii “Hiyyummaan xuriidha malee godaannisaa miti”, hojjennee hiyyummaa keessaa bahuun biyyoota kaaniif abdii akka taanutti hojjetamaa jira jedhaniiru.Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa akka naannoo Oromiyaatti dukkana keessatti ifa barbaaduun milkaa’ina olaanaa galmeessuu ibsaniinama hudduutu kaayyoo manaa baaneef gatee karaarraa maqe… gaheen MM Dr. Abiy Ahimad olaanaa ta’uu ibsanii hiyyummaadha malee jeequmsi shanee fi wayyaanedhaan asiif achitti taasifamu rakkoo yerooti waan ta’eef jiruuf jireenya ummata keenyaa jijjiiruuf halkaniif guyyaa hojii misoomaarratti xiyyeeffannaan hojjechuun nyaataan of danda’uu bira darbinee Afrikaa akka utubnutti hojjetamaa jira jedhaniiru. Magaalaan Adaamaa jijjiirama piroojektoota xumuruu, kenna tajaajilaa dijitaalaayiz gochuu, galii magaalichaa guddisuu fi abbootii qabeenyaa hirmaachisuu keessatti fakkeenyummaa guddaa qabdi waan ta’eef ummata magaalichaa hunda galateeffataniiru.Dhumarratti Magaalonni wabii nyaataan of danda’uun, ogummaa fi kalaqaan, intarpireenaroota omishuu, tajaajila saffisaa kennuu fi miidhagina magaalaaf xiyyeeffannaan hojjechuudhaan jireenya ummata keenyaa teeknooloojiitti jijjiiruu akka qaban dhaamaniiru.
Eebba Piroojektoota Magaalaa Adaamaa.
- Post published:July 12, 2022