Bara kana hojiilee gurguddoo akka magaalaa keenyaatti hojjetaman keessaa dorgomtummaa fi hawwatummaa magaalaa guddisuuf dizaayiniin pilaanii kutaa magaalaa hojjetamee ogeessonnii, abbootiin qabeenyaa fi hawaasni magaalichaa irratti mari’achaa ture hojiirra oolaa jira. Mootummaan karoora tarsiimo’aa baasee ummataaf dhiyeessa ummannimmoo karooricharratti eega waliigalee booda hirmaannaa taasisuu waan qabuuf yaada itti kennaa! Gabbisaa…!!Dizaayinichi haala daandiiwwanii, yaa’insa bishaanii fi iddoowwan bashannanaa fi hawwata turizimii sadarkaa isaa eeggate of keessaa qaba.

