Dhimma Waraqaa Eenyummaa ilaalchisee marii Taasifame

Waajjirri Mana Qopheessaa Magaalaa Adaamaa rakkoo kenna tajaajila hawaasummaa fi furmaatasaa irratti keessattuu kenniinsa waraqaa eenyummaarratti qooda fudhattootaa fi ogeeyyii seektarichaa sadarkaa gandootaa jiran waliin kallattiin kaa’ameera.Hoji Gaggeessaan Mana Qopheessaa Magaalaa Adaamaa Obbo Zarfuu Asfaaw kenniinsi tajaajila waraqaa eenyummaa yeroodhaaf dhaabachuu himanii furmaatasaarratti hojjechaa jiraachuu ibsanii sirna kenniinsa waraqaa eenyummaa dijitaalaayiz gochuun rakkoo walxaxaa fi hanna naannoo sanatti mul’atu hambisuun tajaajilicha jalqabuuf qophaa’aa jirra jedhaniiru.

Leave a Reply