Deeggarsa

Gaafa Guyyaa 09/05/2014 Bul /M/Adaamaa Kutaa magaalaa Booleetti Ayyaana #cuuphaa 2014 sababeeffachuun maatii goototaa 32’f deeggarsa re’ee, daakuu fi zayitaa qarshii kuma 250 olitti tilmaamamu taasise. Deeggarsi kun waajjira Bulchiinsaaf nageenyaa Kutaa Magaalichaa hawaasa hirmaachisuun walitti qabameedha.Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Obbo Hayiluu Jaldee qaama deeggarsa taasise galateeffachuun hawaasni keenya waadaa gaafa maatii isaanii gara waraanaatti gaggeessan gale deeggarsa walirraa hin cinne taasisaa jiraachuu fi Aadaa gaafa ayyaanaa walcinaa dhaabachuu cimaa dhufuu kan agarsiisu ta’uu ibsanii hawaasni keenya Ayyaanicha wayta kabaju nageenya magaalaa keenyaa eeguu keessatti gahee qabuun hirmaachuu akka qabus dhaamaniiru.

Leave a Reply