Kutaan Magaalaa Bokkuu ayyaana Faasigaa sababeeffachuun harka qalleeyyii 100 oliif deeggarsa daakuu xaafii, qamadii fi zayitaa taasisuun aantummaa ummataaf qabu mul’ise.Hoji Raawwachiisaa Olaanaan Kutaa Magaalaa Bokkuu Obbo Makuryaa Shuumii hawaasni keenya kan qaburraa kan hin qabneef deeggarsa taasisuun duudhaa Oromummaa abboota keenyarraa dhaalle ta’uu ibsanii keessattuu yeroo ayyaanaa harka qalleeyyiin akkuma nama kaanii ayyaanicha gammachuun kabajuu qabu jechuun deegfarsi kun kan taasifama ta’uu dubbataniiru.Qaamolee milkaa’ina sagantaa kanaaf humnaa fi qabeenyaan gumaachanis galateeffataniiru.
Deeggarsa Kutaa Magaalaa Bokkuu
- Post published:April 20, 2022