Deeggarsa harka qalleeyyiif Bulchiinsi Magaalaa Adaamaa Ayyaana #Faasigaa bara 2014 sababeeffachuun harka qalleeyyii 2973 oliif deeggarsa re’eef hoolaa, lukkuu, daakuu, paastaa, zayitaa fi mi’eessituuwwan gara garaa qarshii mil.7.5 olitti tilmaamamu taasiseera.Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Obbo Hayiluu Jaldee baga yyaana #faasigaa baranaa geessan jechuun humna qabnuun walbira dhaabachuun aadaa ganamaa Oromummaatti deebi’uun waliin jireenya hawaasa keenyaa haa cimsinu jechuun qaamolee milkaa’ina sagantaa kanaaf gumaachanis falateeffataniiru. Ayyaanni du’aa ka’uu Iyyesuus kiristoos kana yemmuu kabajnu duudhaa tokkummaa fi obbolummaa qabnu guddisuun biyya cimaa ijaaruu keessatti gahee qaban akka bahatan dhaamaniiru.
Deeggarsa harka qalleeyyii
- Post published:April 29, 2022