Hojiileen sagantaa wabii nyaataa fi fooyya’iinsa jireenyaa (seftynet) magaalaa Adaamaatti hojjetamaa ture dhaabbilee deeggarsaa kaanaadaa, Faransaay fi dhaabbata mallaqa Addunyaa (IMF) seektaroota federaalaa, naannoo fi bulchiinsa magaalichaatiin daawwatameera.I/A Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Obbo Mohaammad Guyyee keessummootaan baga nagaan dhuftan jechuun bulchiinsi magaalaa fayyadamtoota wabii nyaataa gama tajajilaa fi deeggarsa kallattiin f qalleeyyii 40,000 ol fayyadamoo sagantaa kanaa taasisuun jiruuf jireenya hawaasa keenyaa jijjiiruu caalaa akka humna misoomaatti fayyadamuun magaalaa keenya qulqulluu, magariisaa fi jiruuf jireenya ilma namaaf mijooftuu taasisaa jirra jedhaniiru.Keessummoonnis waan daawwatanitti kan gammadanii fi deeggarsa itti aanuuf galtee waan ta’u arguu dubbataniiru.
Daawwannaa Sagantaa Seeftneetii/ Wabii Nyaataa
- Post published:March 15, 2022