Daawwannaa Pererezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa.

Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa hoggansa Naannoo fi Magaalaa Adaamaa waliin Gaafa Guyyaa 13/05/2014 proojektoota manneen barnootaa Bu’uura Boruu Magaalaa Adaamaatti hojjetamaa jiran daawwataniiru.Pirezidaantiin MNO Obbo Shimallis Abdiisaa Tajaajila lammummaatiin Duudhaa oromummaa ganamaa, qulqullummaa, fi injifachuu mul’isuuf Rakkoon hawaasa keenyaa mootummaadhaan qofa hin hiikkatu waan ta’eef hawaasni keenya bu’uura boruu, gaachana sirnaa fi mana murtii aadaa cimsuun mootummaa cinaatti ijaarama hawaasaa sirna gadaarraa dhaalle lafa qabsiisuuf hojetamaa jira jedhaniiru. Piroojetoonni kun rakkoo barnoota idilee duraa naannoo keenyaa kan furu waan ta’eef cimee itti fufuu akka qabu dhaamaniiru.Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Obbo Hayiluu Jaldee akka magaalaa keenyaatti manneen barumsaa Bu’uura Boruu 18 ijaaramaa jiru keessaa 7(torba) xumuramee hojii eegaluu ibsanii hawaasarraa maallaqa sassaabuu hambisuun dizaayinii hojjennee itti kennuun ummanni mataasaa akka hojjechiisu taasisaa jirra jedhaniiru.

Leave a Reply