Bulchiinsa Magaalaa Adaamaatti Ayyaana Waggaa Haaraa Bara 2015 sababeefachuun Affeerran laaqana harka qalleeyyii daandii irra jiraataniif taasifame.

01/01/2015ABS(Adama Broadcasting Service )Dargaggoonni bulchiinsa magaalaa Adaamaa Ayyaana Waggaa bara haaraa 2015n sababeeffachuun harka qalleeyyii daandiirra jiraataniif affeerraa laaqanaa taasisan.*******************************************/Sagantaa affeerraa laaqanaa kana dargaggoota qindeessan keessaa pireezidaantiin Federeeshinii Dargaggoota bulchiinsa magaalaa Adaamaa Dargaggoo Fo’aad Abdulqaadir kaayyoon sagantichaa harka qalleeyyii daandiirra jiraatan,haadholii fi Abbootii keenya rakkina irraa Ayyaana bara haaraa gammachuudhaan hin dabarsine waliin dabarsuu kan kaayyeffate ta’uu hima.Dargaggoota magaalaa Adaamaa maallaqa walitti buusuun harka qalleeyyii waliin ayyaana dabarsaa jiran galateeffatee, hundi bakka jirutti harka qalleeyyii naannoo keenya jiran haa yaadanuun dhaamsa dabarsa.Itti gaafatamaa waldaa Dargaggoota bulchiinsa magaalaa Adaamaa Dargaggoo Irkoo Katamaa harka qalleeyyii 100f affeerraan laaqanaa taasifamuu ibsee, nama gargaaruuf nama ta’uun qofti gahaadha jechuun dargaggoonni magaalaa Adaamaa qarshii kuma 15 walitti buusuun harka qalleeyyii faana Ayyaanicha dabarsuu dubbata.Waajjira Dargaggoof Ispoortii bulchiinsa magaalaa Adaamaatti qindeessaa ogeessa tola ooltummaa dargaggootaa Dargaggoo Eda’oo Dawwaanoo yaada kennaneen Dargaggoonni magaalaa Adaamaa hojii tola ooltummaa irratti muuxannoo bara dheeraa qabaachuu himanii namoota nama isaan deeggaru hin qabne bira dhaabachuu isaaniif dinqisiifannaa qaban ibsaniiru.Harka qalleeyyiin affeerraan laaqanaa taasifameef yaada Raadiyoo Adaamaa Biroodkaastiing sarviisiif kennaniin sagantaa Affeerraa laaqanaa taasifameefitti kan gammadan ta’uu himuun dargaggoota gocha eebbifamaa kana raawwataniif galata qaban ibsaniiru.Xaahir Gammaduutu gabaase.

Leave a Reply