Baga Geessan…Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Obbo Hayiluu Jaldee hordoftoota Amantaa Islaamaa hundaan baga ayyaana sooma hiikkaa (Iid Alfaxir) nagaan geessan jedhaniiru.Jiini Ramadaanaa ji’a soomaa qofa osoo hin taane ji’a jaalalaa, tokkummaa fi walgargaarsaa ta’uu ibsanii ummanni islaamaa aadaa waliin hojjechuu fi waliin nyaachuu qabu yeroo kamuu guddisuun gahee olaanaa jijjiirama biyyaa keessatti qaban bahachuun biyya keenya sadarkaa yaadametti ceesisuu akka qaban dhaamaniiru.
