Baga Gammaddan Presidential Award

Bulchiinsi Magaalaa Adaamaa raawwii hojii mootummaa fi paartii bara 2014 tiin magaalota Oromiyaa keessaa 1ffaa bahuun badhaasa “Presidential Award” yeroo lammaffaaf pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa harkaa fudhateera.Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Obbo Hayiluu Jaldee Milkaa’ina kana keessatti hoggansi, hojjettoonni, abbootiin qabeenyaa, fi hawaasni magaalichaa qindoomina fakkeenyummaa qabuun waan hojjetameef qaamolee gahee olaanaa taphatan hunda maqaa bulchiinsa magaalichaatiin galateeffataniiru.

Leave a Reply