.Baazaarii fi egzibiishiniin ayyaana Faasigaa fi Ramadaanaa sababeeffachuun mana marii daldalaa Oromiyaa fi Bulchiinsa Magaalaa Adaamaatiin qophaa’e ifatti banameera.I/A Pirezidaantiin Mana Marii daldalaa fi waldaalee seektaraa magaalaa Adaamaa fi Oromiyaa Obbo Magarsaa Raggaasaa baazaariin kun qindeessummaa mana marichaa fi bulchiinsa magaalaatiin hawaasa keenya dararaa irraa hambisuun meeshaalee barbaadu iddoo tokkotti gatii madaalawaadhaan dhiyeessuuf kan qophaa’e waan ta’eef hawaasni akka fayyadamu waamicha dabarsaniiru.I/A Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Obbo Mohaammad Guyyee rakkoo qaala’iinsa jireenya akka biyya keenyaatti nu qoraa jiru furuuf baazaariiwwan akkasii iddoo hedduutti qopheessuun gatii madaalawaan omishaalee bu’uraa hawaasa keenyaaf dhiyeessuun murteessaa ta’uu daldaltoonni ummata dararuun qaxxaamuraan duroomuuf yaalan akka of qusatan; hawaasnis daldaltoota omisha dhoksanii fi gatii seeraan ala dabalan qaamolee nageenyaaf eeruu akka kennu dhaamaniiru.
Baazaarii fi Egzibiishinii
- Post published:April 20, 2022