Hoggansi magaalaa Adaamaa raawwii hojii mootummaa fi paartii kurmaana 1ffaa gamaggamuun kallattii kaa’eera.Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Obbo Hayiluu Jaldee galmi keenya guddaan mootummaa fi paartii cimaa ijaaruu waan ta’eef gahee hojii fi adda duroota gadi buusuun ummatatti siqsuun dirqama jedhanii karoora haggansaa hojiin walii galaa ittiin hogganamu dhiyeessuun kallattii kaa’aniiru.Hoggansi magaalaa keenyaa #tooftaalee gaggeessummaa darbe haaressuu, tarsiimoo haaraa baasuu, fi lamaanuu walitti qindeessuu kan hojjetamuu fi gaggeessummaa imala badhaadhinaa beeke hogganu uumuun milkaa’ina naannoo keessatti gahee qabnu bahachuu danda’u taasisuun mootummaa fi paartii cimaa uumuuf of qopheessuu akka qaban dhaamaniiru.I/G Paartii Badhaadhina Magaalaa Adaamaa Obbo Alamaayyoo Tulluu boqonnaa qophii keessatti hojiin paartii fi mootummaa gaggeessummaa bilchina qabuun hojii dirqama lammummaa gannaa fi ayyaanota gurguddoo nagaa fi tasgabbiidhaan dabarsuun danda’ameera jechuun ijaarama paartii sadarkaan jiru cimsuun mootummaa cimaa ijaaruurratti seelii fi hundeerraa hanga hoggansaatti hojii mootummaatiin wal utubuun dirqama jedhaniiru.

Leave a Reply